Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boorana Bahaa magaalaa Nageellee Booranaa keessatti ergamtootni Bilxiginnaa maanguddoo tokko irratti yaalii ajjeechaa raawwatan

ONM-ABO Hagayya 27, 2024

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti dhalli namaa hanga bineensaayyuu hanqachuun lafa hundatti adamfamanii loltoota PP’n ajjeefamaa jiru.

Waggoota ja’an darbanii kaasee kichuu Oromoo hedduu fi dhaloota boruuf sabichi abdatu adamsanii ajjeesuu, akkasumas maanguddoota Oromoo jaarsaa fi jaartii osoo hin jenne ajjeechaa seer-malee irratti raawwatan jabeessanii jiru.

Bifuma kanaan Hagayya 23, 2024 maanguddoo maqaan isaa Afatuu Kasee jedhamu loltoonni sirnichaa ajjeechaa irratti raawwachuuf yeroo gara mana isaa deemanitti harkaa miliquu maddeen ONM’f himan.

Maanguddoon ajjeesuuf jedhan kunis nama nagaa jiruu isaa geggeefatu, akkasumas sabboonummaa jabaa qabu ta’uu himuun, sababni ajjeefamuuf barbaadames waanuma Oromoo ta’ee fi waa’ee Oromoo dubbatuuf qofa jechuun dabaluun ibsaniiru. 

Yaaliin ajjeechaa kun yeroo jalqabaa akka hin taane maddeen keenya kan himan yoo ta’u, egereen maanguddoo kanaas gara fuulduraaf sodaachisaa ta’uu dabataniiru.

Exit mobile version