ONM-ABO Hagayya 31, 2024
Murni faashistii PP aangoo impaayerattii erga qabatee hedduun aduu gaariin uummata Oromoof ni baati jedhanii eeganis Bilxiginnaan jibbiinsa Itiyoophiyaan uummata Oromoof qabdu itti fufsiisuun ilmaan Oromoo ofiifis ajjeesaa, saboota biroo fi biyyoota ollaan duguugsaa jira.
Akka kanaanis Hagayya 29, 2024 poolisootni naannoo Soomaalee irraa daangaa Oromiyaatti ce’uun Baha Harargee aanaa Cinaaksan keessatti lola baniin ilmaan Oromoo 3 ajjeesuun 3 madeessanii jiru.
Lola uummatni osoo hin beekin maafiyootni Abiy Ahimed hidhachiise ilmaan Oromoo irratti aanaa Cinaaksan keessatti bansiise kanaan namootni lubbun darban:
- Afrikaan Ahimad ganda Bubbee irraa
- Ahimadtaliyan Huseen Ibraahim ganda Bubbee irraa
- Abdulsamad Mahaammad Daawud ganda Mudhii Dawwee irraa yoo ta’u,
Namoota midhaan cimaan irraa ga’e:
- Shaafii Habiib Abdullaay ganda Bubbee irraa
- Mahaammud Abdii Abdullaay Achuma ganda Bubbee irraa
- Baharii Kaliif Ibraahim ganda Bubbee irraa ta’uun barameera.
Abiy Ahimedii fi Shimallis Abdiisaa yeroo kotorobaandii Pirezidaantii Soomaalee Musxafee Mahaammad waliin daldalanii fi misooma jechuun lafa qonnaa qondaaltota isaanii erguun daawwachiisanitti ilmaan Oromoo garuu qe’ee isaanii irra jiraachuu dadhabuun humnoota poolisii Soomaaleen ajjeefamaa jiru.

