Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaalee Oromiyaa hunda irraa bilxiginnaan maqaa “WBO galchina” jedhuun nama tokko tokko filachuun Adaamaatti leenjii leenjisaa jiraachuun saaxilame

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Godinaalee fi aanaalee Oromiyaa cufa irraa loltoonni PP maqaa “WBO galchina” jedhuun bifa jaarsummaan Waraana Bilisummaa Oromoo mudhii hiikkachiisuu fi garbummaa duraan barame jalatti deebisuuf magaalaa Adaamaatti leenjii irra jiraachuun isaanii beekamee jira.

Haaluma kanaan, godinaalee Oromiyaa hunda irraa murni PP maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo galchina” jedhuun Hagayya 23, 2024 irraa eegaluun abbootii Gadaa jechuun kanneen PP’n muudde aanaalee irraa nama tokko tokko waamuun magaalaa Adaamaatti maqaa “sossobnee Waraana Bilisummaa Oromoo galchina” jedhuun leenjii addaa kennaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ONM’tti himan.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo hadheessuun uummataa fi waraana walitti buusuuf wixineeffame ta’uu fi holola “Waraanni Bilisummaa Oromoo adda adda qoodameera; waraana abdachiisu miti” jedhuun hawaasa Oromoo waan abdii kutachiisan itti fakkaachuun maallaqa guddaa baasanii hojjechaa jiraachuun himameera.

Exit mobile version