ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Humni yeroo mara sobee fakkeessuuf karaa miidiyaa harka isaa jiruun holola oofaa oolu bilxiginnaan, afaaniin nagaa fi misooma labsaa faallaa isaa ammoo uummata goolaa farreen nagaa lammiilee ta’ee jiraachuun ni beekama.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Rigaa Saccii keessatti Hagayya 30, 204 waraanni Bilxiginnaa bariin gandichatti bobba’uun nama maqaan isaa Habtaamuu Baqqalaa jedhamu sababa tokko malee Oromummaa isaan yakkuun erga reebaniin booda fuudhanii deemuun garri isaan geessan hin beekamin jira.
Waraanni abbaa irree afaan qawwee fayyadamuun uummata doorsisuu itti fufuun ganduma kana keessatti nama Waaggaari Ejjetaa fi Ayyaantuu Tashoomaa jedhaman irratti reebicha ulfaataa raawwachuun daa’imman sadii kan maqaan ammaaf adda hin baane reebaa turuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

