ONM-ABO Fulbaana 2, 2024
Uummanni Oromoo bulchiinsa hammeenyaa EPRDF’n mormuuf qabsoo taasisee fi wareegamni hadhaawwaan kaffalame injifannoo galmeessus, bu’aan isaa Bilxiginnaan butamuun dararaa jabaan uummata irratti raawwachaa jira.
Hagayya 31, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Qumbaatti jiraattonni nagaan lama ajjeefamuun, namoota lama irra miidhaa gurguddaan qaqqabuun mooraa waraanaatti hiraarfamaa jiraachuun beekameera.
Namoonni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii Obbo Umar Huseen fi Sheek Hiisaa kan jedhaman yoo ta’an, Fayyisaa Tamasgeenii fi Obbo Magarsaa Ejersoo kanneen jedhaman ammoo sanjaan wawwaraanuun konkolaataa irra buusanii mooraa waraanaatti gatanii akka jiran jiraattonni ifoomsaniiru.

