ONM-ABO Fulbaana 3, 2024
Loltoonni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa irraa ilmaan Oromoo hunda dhiiraa fi dubartii, jaarsaa fi jaartii, xiqqaaf guddaa, beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne jumlaan sobaan yakkanii qabuun hidhaatti darbatanii dararuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyootti loltoonni maafiyaa PP maanguddoota hidhaatti darbachuun maatiin fayyummaa isaaniif rakkachaa jiru.
“Ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun maanguddoota umriin isaanii waggaa 70 ol ta’an ganda Tibbee Har’aa jedhamu irraa Hagayya 30, 2024 maanguddoota maqaan isaanii:
- Aadde Bashee Gulummaa,
- Aadde Hiikee Gaarummaa fi
- Aadde Caaltuu Dhugaasaa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii waajjira poolisii aanichaatti garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan himan.
Aadde Basheen dubartii daa’ima ji’a 4 hin guunne waliin hidhamtee kan jirtu yoo taatu, Aadde Hiikee fi Aadde Caaltuun maanguddoota umuriin isaanii waggaa 70 olii kan ta’anii fi yeroo gargaarsi isaaniif godhamuu malutti loltoota murna gabroomfataa PP ‘n hidhaatti darbatamuu jiraattonni nuti dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

