ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025
Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu jabaachuun Gurraandhala 13, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Shogootti dargaggeessi maqaan isaa Malkaamuu Qajeelaa jedhamu gara jabummaa waraana faashistii PP’n ajjeefamuun beekameera.
Dargaggoo Malkaamuun Gurraandhala 12, 2025 halkan toora sa’a 3:00’tti kan qabame yoo ta’u, loltoonni faashistii PP kunneen halkan guutuu dararaa ulfaataa irratti taasisaa buluun ganama obboroo sa’a 12:00’tti bakka addaa Gaara Qaanqoo jedhamutti geessanii ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Oduu biraatiin ammoo aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Burqaa Xaaloo jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa dararaa hamaa hawaasa irratti raawwachuu itti fufuun, Gurraandhala 12, 2025 immoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoota maqaan isaanii:
- Wanduu Guddataa,
- Taarikuu Guddataa,
- Eliyaas Obsaa,
- Anbassoo Obsaa,
- Gaaddisaa Tashaalaa,
- Gammachuu Cimdeessaa,
- Daagim Dirribaa fi
namoota hedduu irratti reebicha hamaa ta’een erga qaama laalessaniin booda, ukkaamsuun gara mana hidhaatti geessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni hidhamanii fi reebaman kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamii kan hin qabne oggaa ta’an, akkuma aanichaatti dararaan harka cubbamtoota Bilxiginnaan hawaasa Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu dubbatu.

