ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Ilma namaa irraa kabaja namummaa mulquun akka fedhanitti ajjeesuu kan aadeffatan ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo irraa gara yerootti gochoota gara jabinaa fi gurraan dhaga’uun namatti hin tolle ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Bareedduu Balootti nama maqaan isaa Shaamiloo Ahimed Nuuree jedhamu balleessaa tokko malee rasaasaan rukutuun yoo ajjeesan, namoota maqaan isaanii Fu’aad Aliyyii, Munawaar Aliyyii, Najiiboo Aliyyii, Faaxumaa Mahaammad, Nuuree Jamaal, Abdallaa Maammee fi Gannoo Awwal kanneen jedhaman jalaa qabeenya isaanii mana waliin jalaa gubaniiru.
Ibsaa Amad Nuuree jalaa ammoo mi’a dukkaana guutuu erga saamaniin booda mana isaa jalaa gubanii barbadeessanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

