ONM-ABO Fulbaana 9, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa maqaa tola ooltummaa da’oo godhachuun namoonni baay’een ajaja Bilxiginnaan bobba’anii hojii siyaasa bilxiginnaaf hojjechaa jiraniin alatti yakkoota adda addaa raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dhaabbanni tola ooltummaa Dagguu Nugus jedhamu uummata saamaa jiraachuun ibsameera.
Dhaabbanni tola ooltummaa Dagguu Nugus jedhamu maqaa tola ooltummaa da’oo godhachuun taaksiidhaan magaalaa keessa deemee gowwomsaan uummata saamaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan dubbatan.
Akka namoonni keessa beekan himanitti, dhaabbanni kun maqaa “ijoollee hiyyeessaaf rifeensa sirreessifna, barruulee fi qalama binna; ni nyaachifnaa fi k.k.f jedhu da’oo godhachuun uummata gowwomsuun cinaatti, maallaqa maqaa harka qalleeyyiin argamu faayidaa ofiif oolfachaa jiraachuun barameera.

