Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdaatti waajjirri PP barbadaa’e

ONM-ABO Fulbaana 11, 2024

Godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa bu’uura godhachuun waajjira PPn caasaa haaraa lafa qabsiisuuf qopheessite abiddaan barbadaa’e.

Haaluma kanaan dheengadda Fulbaana 9, 2024 aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Majaa Shanan keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo waajjira PPn caasaa haaraa qubsiisuun uummata dararuuf qopheeffatte abiddaan barbadeessuun ergamtoota Bilxiginnaa naasisanii jiru.

Nu irratti hidhaa fi ajjeechaa heddummessuun qabeenya keenyas saamanii, nu hiyyoomsaanis hanga mirga dhalli namaa tokko biyya isaa irratti qabaachuu qabu argannutti ni falmanna jedhaniiru.

#Didda Uummataa itti fufa!

Exit mobile version