ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Jiraattonni aanichaa dubbisne akka jedhanitti, geggeesitootni murna faashistii PP kanaan dura taayitaa irra turanii fi yeroo ammaa irra jiran maqaa hariiroo WBO qabduun aangoo irraa wal buusaa kan turan ammallee rakkoo jabaa walitti uumuu itti fufan.
Murni faayidaa uummataaf dursa hin laanne dinagdee dhuunfaa isaanii gabbifachuuf jecha maqaa adda addaa dha’uun aangoo irraa kan wal ari’an har’as hojii isaanii badaa jabeessuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa Magaalaa Gooriitti kantiibaa kan ta’e Obbo Abaatee nama jedhamu irratti reebicha jabaa taasisuun hidhanii akka jiran jiraattonni ifoomsaniiru.
Oromiyaa guutuutti sadarkaa godinaa fi aanaatti bulchitoonni hojiirraa wal ari’aa kan jiran keessoon sirnichaa bifa haaraan diigamaa akka jirus jiraattonni itti dabaluun ONM’tti himaniiru.
Kana malees maqaa caasaa gandaa ijaaruu fi hojii haaromsaan nageenya hawaasaa eegsifna jechuun, namoota cubbuun aangoo qabachuuf dhama’anii fi taayitaa barbaadan bakka qabachuuf yaalii godhaniin baadiyyaatti namoota isaanii bobbaasuuf dirqiin qophiirra jiraatanis, waliigalteen gidduu isaanii akka hin jirre beekameera.

