ONM-ABO Waxabajjii 16, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Abbaa Eebbaa jedhamu keessatti Waxabajjii 11, 2025 waraanni koloneel Abiy Ahimed kanneen maqaa farra riphee lolaa jedhuun of waaman wal-dhibdee keessoo isaaniitti uumameen walitti dhukaasuun 2 wal irraa ajjeesanii jiraachuu maddeen amanamoo gola Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Yeroo ammaa kanas mooraan Bilxiginnaa ifatti diigamaa jiraachuu irraan kan ka’e jaleewwan sirnichaa abdii kutannaa hamaa keessa galuun egeree impaayerattiif yaaddoo guddaa ta’ee jiraachuu maddeen itti dabaluun dubbatu.
Impaayerattii tiksuuf haamilee guutuu kan hin qabnee fi jaalalaa fi tokkummaan illee gidduu isaanii kan hin jirre ergamtoonni sirnichaa, yeroo adda addaatti sabaan wal qooduun akkasumas, faayidaa dhuunfaa hawaasa nagaa saamanii argatan adda qooddannaa irratti wal-dhabuun tarkaanfii garaa garaa wal irratti fudhachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

