ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024
Murni maallaqaa fi goyyomsaan loltoota naamusa waraanaa hin qabnee fi walii isheef hin tolle turtii aangoo isaa ittiin dheereffachuuf jecha walitti funaanee jiru gaaga’ama hamaa mooraa isaanii keessatti galchuun walii isaanii ajjeesaa jiru.
Haaluma kanaan Waxabajji 2, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti, situ Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kenna jechuun shakkii walirraa godhataniin dhukaasa kan walitti banan yoo ta’u, milishaa Margaa Baalchoo jedhamutti dhukaasa itti dhukaasuun ajjeesanii darbuun reeffi isaa bakkeetti gatamee maatiin illee kaafatee akka hin awwaalle gochuunis barame.
Waraanni goolessaan naatoo tokkollee walii isaaniif akkasummallee hawaasaaf hin qabne kanneen maallaqaa fi goyyomsaan walitti qabaman kan qarshii isaanii argannaan dhala namaa dhiiga dhangalaasaa oolan walii isaanii gidduutti shakkiin uumamuu irraan kan ka’e hawaasni isaan keessa socho’an ammoo yaaddoo guddaa keessa galee jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Mooraan waraana bilxiginnaa dhibee wal shakkii, sanyummaa, faayidaa fi sirna dhablummaan rukutamuun guyyuu wal madeessaa fi wal ajjeesaa akka jiran ni beekama.

