ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Loltoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo hunda dhiiraa fi dubartii, jaarsaa fi jaartii, xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne jumlaan sobaan yakkanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Somboo Sadan Giittan keessaa Sadaasa 3, 2024 ergamtoonni sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Yoonaas Jaallataa jedhamu badii tokko malee osoo inni daandii irra deemuu qawwee itti dhukaasanii qabuun godinichuma waajjira poolisii aanaa Najjootti geessanii hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun deggeraa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin taane ta’uu himuun, waraanni sirnichaa ammoo badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu dubbataniiru.

