ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Murni ajjeesee hin ajjeesne gubee balleessee hin goone jechuun haalu akkasumas hidhaanis akka waan furmaata ta’eetti qabatee socho’aa jiru bilxiginnaan, waadaa uummataaf seene cabsuun qabsoo dhiigaa fi lafeen xinnaa fi guddaan itti aarsaa ta’e butee ajjeechaa jumlaa fi hidhaan qe’ee uummata Oromoo dararaa jira.
Haaluma kanaan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Gololee Tamsa’aa keessatti hidhaa hammeessanii jiraniin torban tokko dura kan hidhanii turan namoota afur Fulbaana 11, 2024 mana hidhaa keessaa baasuun namoota maqaan isaanii Addeettii Shifarraa, Obsee Addeessaa fi Rattaa Boonsaa jedhaman rasaasa itti roobsuun jumlaan iddoo tokkotti yoo ajjeesan, Abdii Urgeessaa ammoo osoo itti dhukaasanii saggoo irra rukutamee fiigee madoo ulfaataan ba’us, yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Dargaggoonni kunniin iddoo tokkotti irbaata rasaasaa kan ta’aniif yakka raawwataniif osoo hin taane Oromummaan kan yakkaman yoo ta’u, shakkii quunnamtii WBO qabdu jedhu qofaan kan ajjeesan ta’uunis barameera. Namoota kanneen irratti qorannoon seeraa tokkollee osoo hin raawwatin akkasumaan ajjeesuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namoota ajjeesaniif madeessan kana malee hedduu hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya gamasii ONM’tti himaniiru.

