ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Irree fi gaachanni sabaa WBOn Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa cichitoonni kaayyoo haqaa diina uummata nagaa hiraarsaa jirtu Zoonii Kibba Bahaa keessatti adabaa jira.
Haaluma kanaan kaleessa Fulbaana 12 ,2024 korommiiwwan Kibba Bahaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluuqqoo jedhamu keessatti diina uummata walitti qabuun reebaa turte itti birmachuun rasaasaan olii fi gadi goolee loltootaa impaayeera Itoophiyaa 6 ajjeesee 11 madoon adabee jira.
Uummata isheen reebaa turte harkaa yaasuun baqachisuun gara magaalaa aanichaatti deebisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

