• Sun. Jan 11th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Godina Arsii Bahaa Aanaa Gadab-Hasaasaa Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabuu Beeksise

Sep 13, 2024

ONM-ABO Fulbaana 13, 2024

Irree fi gaachanni sabaa WBOn Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa cichitoonni kaayyoo haqaa diina uummata nagaa hiraarsaa jirtu Zoonii Kibba Bahaa keessatti adabaa jira.

Haaluma kanaan kaleessa Fulbaana 12 ,2024 korommiiwwan Kibba Bahaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluuqqoo jedhamu keessatti diina uummata walitti qabuun reebaa turte itti birmachuun rasaasaan olii fi gadi goolee loltootaa impaayeera Itoophiyaa 6 ajjeesee 11 madoon adabee jira.

Uummata isheen reebaa turte harkaa yaasuun baqachisuun gara magaalaa aanichaatti deebisee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading