ONM-ABO Fulbaana 14, 2024
Loltoonni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa akkasumas naamusa waraanummaa waraana tokko irraa eegamu dhabuun, akkuma arganii fi lafa arganitti ilmaan Oromoo irratti miidhaa adda addaa raawwachaa jiru.
Godina Qellam Wallaggaa magaalaa Dambii Doollootti loltoonni bilxiginnaa dhuganii machaa’uun hawaasa irratti reebichaa fi dhukaasa bananii jiraachuun ifoomeera.
Loltoonni bilxiginnaa Fulbaana 12, 2024 magaalaa Dambii Doolloo naannoo marfataa fi daandii gara mana barumsaa Oliiqaa Dingilitti geessuun gidduu hoteela tokko taa’anii dhugaatii dhuganii erga machaa’anii booda hawaasa nagaa irratti dhukaasuun, reebichaan miidhaa qaamaa raawwachuu isaanii jiraattonni magaalaa Dambii Doolloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Yeroo garaa garaatti loltoonni kun dhugaatii dhuganii machaa’uun akkuma arganii fi gara machiin isaanii ajajetti luucca’uun dararaa hamaa uummata magaalichaa irratti raawwatan jabeessanii jiru.

