ONM-ABO Fulbaana 14, 2024
Faashistichi Abiy Ahimed yeroo gara aangootti dhufe afaan dhadhaa godhachuun, “qorannu malee hin hiinu” jedhee sobaan uummata mirqaansaa turus, waadaa uummataaf gale dhiisuun kan duriirra caalaatti gaaffii seeraa tokko malee hawaasa nagaa hojii idilee isaa hojjetatu hidhuun mana hidhaa keessatti hiraarsuu itti fufeera.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Deeggaatti maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruun cimee itti fufeera.
Loltoonni Sirnichaa ganda Sanaagaa Harawwee jedhamu irraa ”ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun namoota maqaan isaanii:
- Mangistuu Kabbadaa,
- Dirribee Kabbadaa,
- Gurmeessaa Kabaa fi kanneen biroo hedduu sababa tokko malee hidhuun dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan himan.
Namoonni kunis torban lamaa oliif gaaffii seeraa tokko malee hidhamanii jiru.
Akka namootni beekan jedhanitti badii tokko osoo hin qabaatin Oromummaa isaaniin yakkanii yeroo dheeraaf hidhanii kan jiranii fi achi keessattillee qaamni isaan gaafatu dhibuu jiraattonni kun itti dabaluun dubbatu.

