Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Deeggaatti maatiin qabsaa’otaa fi sabboontonni ilmaan Oromoo hidhamuun gidirfamuu fi saamichi loltoota Bilxiginnaan irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ifoome

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Buunnoo Beddellee aanaa Deeggaatti sababa ilmaan isaaniif jecha maatiin qabsaa’otaa fi sabboontonni ilmaan Oromoo miidhaa saba irra ga’uuf dubbatan hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu maqaa jedhuun rakkoowwan jajjaboon irratti raawwatamuun cimee itti fufee akka jiru jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Bifuma kanaanis torban kana keessa jiraataa ganda Sanaagaa Arawwee kan ta’e, nama maqaan isaa Obbo Tashaalee Biraanuu jedhamu sababa obboleessi isaa miseensa WBO ta’eef qofa loltoota sirnichaan qabamuun qarshii kuma saddeettama akka kaffaluuf gaafatamee gidiraa argaa akka jiru jiraattotni dubbatu.

Kana malees namoota maqaan isaanii:

  1. Fayisaa Raggaasaa,
  2. Darsee Bacarraa,
  3. Kuulanii Nagawoo,
  4. Jeraa fi 

kanneen biroon qabamanii waajjira poolisii aanichaati hidhamanii akka jiran itti dabaluun ifoomsaniiru.

Gareen faashistii PP tibbana bifa addaan maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffannoo gochuun daa’imman xixiqqoo irraa kaasee hanga jaarroleetti dararaa kan jiru yoo ta’u, reebicha mana hidhaa keessatti irratti raawwachuun yaala dhorkachuun cinatti miseensota maatii hundaa hidhuu fi qabeenya saamuu irratti fuulleeffatanii daba taasisaa jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version