Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti waraanni murna PP maatii qabsaa’ootaan qawwee bitaa jechuun maallaqa a harkaa fuudhaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Muddee 28, 2025 

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Duukii jedhamu keessatti waraannii maafiyaa PP Muddee 21, 2025 nama maqaan isaa Obb Muummee Yaasiin jedhamu qawwee bituu qabda ittiin jechuun qarshii 100,000 dirqiin harkaa fuudhanii deemuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattotni himanitti, Obbo Muummeen sababa ilmi isaa miseensa WBO ta’eef qofaaf waraanni PP afaan qawweetti dhimma bahuun kan qarshii kana harkaa kan fuudhan yoo ta’u, kanaan duras yeroo garaagaraatti doorsifnii fi hidhaan irratti adeemsifamaa turuu jiraattotni itti dabaluun dubbatu.

Aanaa Cawwaaqaa gandoota garaagaraa keessaatti maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti waraanni maafiyaa PP irraa deddeebbiin yakkoota garaagaraa irratti raawwachaa kan jiran oggaa ta’u, maatiin qabsaa’otaa addatti fo’amuun gidirfamaa akka jiranis itti dabaluun ibsaniiru.

Miidhaan maatii qabsaa’otaa fi sabboontota irratti xiyyeeffachuun  jaleewwan murna Bilxiginnaan adeemaa jiru sodaa guddaa uumuun namnuu bahee galuufis yaaddoo haalaan jabaatee keessatti kufee akka jirus kan himan rakkoowwan wal-fakkaataan haala kanaan adeemaa jirus egeree dhalootaaf bahaa ulfaataa ta’us itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version