ONM-ABO Fulbaana 15, 2024
Duula duguuggaa sanyii bifa qindaa’aa ta’een uummata Oromoo irratti murna PP’n banamee jiruun ilmi namaa haala suukkanneessaa ta’een qe’ee abbaa isaa irratti salphumatti rasaasa sirnichaan ajjeefamuun itti fufee jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Daallasii jedhamu irraa Fulbaana 14, 2024 waraanni garee faashistii PP dargaggoo maqaan isaa Biilaal Awwal fi Kaalid Ittaanaa jedhaman qabuun gara aanaa Gidaamii bakka Laga Haadha Jaarsaa jedhamutti geessanii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bira darbuu maddeen keenya garasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aanaan Begii yeroo ammaa haala hedduu nama yaaddessu keessa kan jirtu yoo taatu, ilmaan Oromoo guyya guyyaan ajjeefamuun saamamuu fi buqqifamuun jireenyi namoota hedduu golgolaa’ee jiraachuun ni beekama.

