ONM-ABO Fulbaana 16, 2024
Sababa Waraana Bilisummaa Oromoo qabata godhachuun uummata nagaa dararuu irra maddi rakkoo kanaa maali jedhee qorachuun furmaata waaraa kaa’uu irra yeroo fi taayitaa qabanitti dhimma ba’uun dararaa hamaa uummata Oromoo irraan ga’uu jabeessanii jiru.
Murni yakkamaan Bilxiginnaa kun Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti badii tokko malee ilmaan Oromoo yeroo dheeraaf hidhee dararaa jira. Namootni hidhaman kunis ragaan kan itti hin dhiyaannee fi akkasumaan umurii isaanii dararaan mana hidhaa keessatti dabarsaa jiru.
Haaluma kanaan namoonni maqaan isaanii:
- Biqee Baqqalaa,
- Tasammaa Gaddaffaa,
- Giddoo Tuujubaa,
- Dabaltuu Caalchisaa,
- Galaanee Abarraa,
- Zawudituu Hundee,
- Gurmeessaa Darajjee,
- Abarraa Argachoo,
- Baqqalaa Hirkoo,
- Shuraa Hirkoo,
- Sisaay Dalasaa,
- Damee Ajjamaa fi
- Buzuu Magarsaa kanneen jedhaman aanaa Jalduu ganda Kilbee keessaa baatii saddeetiif sababa WBO waliin hariiroo qaduutiin hidhamanii jiraachuu jiraattonni himan.
Kan nama gaddisiisu namoonni kunneen hanga ji’a saddeet mana hidhaa keessa jiran kana guyyaa tokkollee mana murtiitti hin dhihaatin jiraachuus dabaluun ibsaniiru.
Addatti ammoo namoota maqaan isaanii:
- Sisaay Dalasaa jalaa horii gaanfaa 6,
- Baqqalaa Hirkoo jalaa horii 6 yoo fudhatan,
- Buzuu Magarsaa jalaa ammoo mana jireenyaa gubuun ishees mana hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

