ONM-ABO Fulbaana 18, 2024
Murni abbaa irree amala faashistummaa isaa ifatti mul’isuun loltoota isaa kanneen hamoo ta’anii fi farra namummaa geggeessaa oolan bobbaasuun hawaasa nagaa ajjeesuu, saamuu, hidhuu, mana irratti gubuu qe’ee fi qabeenya irraa godaansisee aangoo isaa bakkatti kan eeggatu Bilxiginnaan gocha badii isaa jabeessee itti fufee jira.
Akka kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti loltoonni PP abbaa qabeenyaa tokko haala suukkaneessaan ajjeesanii gatuun, naannichi yaaddoo keessa jiraachuun barameera.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Goodaa Burrusoo jedhamu irraa Fulbaana 11, 2024 gara galgalaa mana isaa deemuun Kaadiroonni fi waraanni Bilxiginnaa abbaa qabeenyaa maqaan isaa Obbo Alamuu jedhamu manaa gadi baasuun doorsisanii maallaqa yeroo gaafatan “maallaqa isin na gaafattan kana hin qabu” sababa jedhe qofaaf ukkaamsanii magaalaa Baakkoo bakka mooraa Awuro Godaanaa jedhamutti geessanii haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni magaalichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni magaalichaa himanitti, maatiin Obbo Alamuu irra deddeebiin waajjira poolisii gaafatan illee argachuu kan dandeenye ta’uu fi lukkeeleen bilxiginnaa guutummaa aanichaa keessatti abbootii qabeenyaa kanneen ta’anitti afaan qawwee garagalchuun doorsisanii qarshii hedduu saamaa kan turan ta’uu ibsaniiru.

