ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Afaaniin nagaa labsaa nagaa uummataa booressaa kan oolu murni nama nyaataan Bilxiginnaa maqaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhuun goleelee Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa hiraarsuu jabeessee itti fufeera.
Haaluma kanaan, guyyaa dheengaddaa jechuun Fulbaana 16, 2024 Waraanni goolessituun Bilxiginnaa godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Jabaloo jedhamu keessatti wal dhabdee tasaa hawaasa keessatti mudate afooshni yoo araarsu, “maaliif araaramtan? isin ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhanii Shamarree maqaan ishee Shittaayee Taammiruu jedhamtu badii tokko malee hidhuudhaan reebicha hamaa irraan geessisaa jiraachuu maddeen keenya himan.
Akka maddeen himanitti, jaarroleen afoosha sanaa, kanneen namoota wal dhaban walitti araarsan wayita ammaa qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii lubbuu isaanii oolfachuuf magaalaa birootti baqatanii jiraachuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ifoomsanii jiru.
Murni saamicha bare bilxiginnaan gara bulchiinsa gandaatti waamee maallaqa irraa saamuu waan bareef karaa jaarsummaa dubbii fixattan, kun ammoo nu tuffachuu keessani jechuun uummata nagaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii irratti doorsiisuun mancaasaa jiraachuun barameera.

