Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii keessatti maqaa waajjira magaalaa ijaarra jedhuun saamichi hawaasa irratti raawwatamuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Tooftaa saamichaa jabaa baafachuun murni bilxiginnaa dinagdee humna waraanaan harkatti laamsha’e deebisanii ittiin of ijaaruuf jecha hawaasatti maqaa kaffaltii gosa garaagaraa dhahuun uummata harka qullaatti hambisaa jiru.

Sirni dinagdeen impaayerattii karaa tokkoon lola impaayerattii keessatti deemaa jiruun kisaaraan isa mudatee jiru, akkasumas humna waraanaa humnaa olii leenjisuu irraan kan ka’e waan kaffalamuuf dhabuun afaan qawwee qabanitti dhimma bahuun saamicha raawwatanii qaawwaa sana duuchuuf hojjechuu jabeessanii jiru. 

Akka kanaanis Lixa Shaggar aanaa Dandii magaalaa Gincii keessatti torbanoota darban irraa kaasuun dabballoonni Bilxiginnaa mana tokko tokkotti qarshii dhibba lama lama itti murteessuun dirqiin kaffalchiisaa jiraachuun beekameera. 

Akka jiraataan magaalichaa tokko ONM’tti himetti hawaasa harka-qalleeyyii homaa hin qabne kanneen hojii guyyaa hojjechuun halkan halkan galan dabalatee gara laafina tokko malee milishaa Bilxiginnaa of jala qabuun saamaa akka jiran dubbata.

Yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa hawaasa mataa irra bahee rakkisaa jirutti waajjirri kan uummataatti kanaaf uummatatu ijaaruu qaba jechuun dirqama irra kaa’uus ibsan.

Dabalataan namoota maallaqa jedhame kana dhabanii barbaaddachuutti turan ammoo isin ilaalcha WBO qabdu, isaantu isin gorse dachaan kaffaltu jechuun sodaachisaa jirus jedhe.

Isin kana booda kaameeraa keenya keessa seentanii jirtu, waan tokko naannoo kanatti uumamee jennaan jalqaba irratti isini kan itti gaafatamu jechuun hawaasa homaa keessaa quba hin qabne  shororkeessaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version