ONM-ABO Fulbaana 23, 2024
Murni bilxiginnaa caasaa Abiy Ahimediin durfamu yeroo garaagaraatti kutaalee magaalaa Finfinnee keessatti maqaa daandii babal’isnaa fi miidhagina magaalaa jedhuun jiraattoota magaalaa mana isaanii beenyaa tokko malee irratti diiguu itti fufee jira.
Murni Bilxiginnaa Oromiyaa Shimallis Abdisaan durfamu aangoo dawoo godhachuun hidhaa, ajjeechaa qindeessuu fi manneen diiguu dabalatee abbootii qabeenyaa irratti saamicha geggeessaa jira.
Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu keessatti mana jiraattoota 230 diiguuf karoorfame keessaa manneen 133 diiganii kanneen hafan 97 kabaja irreechaa booda akka diigaman odeessi achii nu ga’e ni addeessa.
Magaalaan Bishooftuu yeroo ammaa bakka namootni Bilxiginnaa lafa ishee hirachuun gurguratanii fi maqaa investimentiin irratti bobba’uun qonnaan bultoota buqqisaa jiraniidha.
Tibbanuma bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo hanga Sandaafaatti maqaa bal’ina daandii fi miidhagina magaalaa jedhuun manni ummataa daandii konkolaataa cinaatti argamu meetira 50m bitaa fi mirgatti tokko utuu hin hafin diigamaa turuun barameera.
Murni kufaatiif afaan boollaa gahee jiru uummata lubbuu obbaasaa maqaa misooma magaalaan daldalaa jira.

