ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025
Murni faashistii PP uummata waan nyaatee bulu hin qabnee fi nageenyi isaa hin eegamne maqaa misoomaan daandii gubbaa cululuqsuu akka miliyoonota fayyadetti dubbatu, hojiin isaa kun namoota baay’ee mana maleeyyii taasisaa fi qaamaaf qalbiin akka manca’an gochaa jira.
Maqaa misooma magaalaan afaan qawween manneen namootaa diiguu fi hawaasa buqqisuu kan aadeffate bulchiinsi Abiy Ahimed Baha Shaggar Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu keessaa ilmaan Oromoo maqaa misooma magaalaa jedhuun buqqisee gara Baalee fi Arsiitti haala isiniif mijeessina, achi qubattu ittiin jechaa jiraachuun barameera.
Ilmaan Oromoo qarqara magaalaa Bishooftuu hanga Erer jiran qabeenya isaanii irraa kaasuun godaansisuuf akka jiran murteeffamee jira.
Kana malees Finfinneetti dhiyoo kan taate aanaa Aqaaqii keessattis jiraattota naannoo ganda Abbuu Seeraa jiraatan hedduu maqaa dirree xiyyaaraa biyyoolessaa ijaarra jedhuun buqqisanii garuma godina Arsii fi Baalee akka qubataniif itti himamee jiraachuun ibsameera.
Dirree xiyyaaraa bara bulchiinsa EPRDF beenyaa kennuun eegale lukkeeleen Abiy Ahimed beenyaa dhorkachuun kan buqqisaa jiran yoo ta’u, uummata gandoota afurii kallattii dirree xiyyaaraa jedhame kanaan daangeffaman irraa buqqisuun barameera.
Gochi Bilxiginnaa uummata Oromoo magaalaa keessaa fi qarqaraa buqqisuu kun kan bara Minilik itti fayyadamaa turanii fi Turkii fi Baha Giddu Galeessaa keessatti Kurdoota ittiin facaasuun abbaa biyyummaa isaanii sarban waliin wal fakkaata kan jedhan sabboontotaa fi qorattoota seenaati.

