ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Murni Bilxiginnaa maqaa misoomaa fi miidhagina magaalotaa jedhuun Finfinnee dabalatee bakkeewwan garaa garaatti miidhaa adda addaa qaqqabsiisaa jiruun cinatti baajata maqaa misoomaan bahes galiii dhuunfaaf oolfachuun maqaa misoomaan maallaqa saamaa akka jiran maddeen keessoo sirnichaa ONM’f eeraniiru.
Rakkooleen karaa kaadiroota sirnichaa uummata irra ga’aa jiru daranuu jabaatee kan jiru yoo ta’u, lafaa fi qabeenyaa isaanii beenyaa tokko malee dhabuun cinattis yeroo ammaa ammoo gara jabeeyyiin lukkeelee PP baajata misooma koriidariin bahe dhuunfaaf oolfachuun, hojii misoomaa eegalanii jiran kanas xumursiisuuf maallaqa dabalataan kaffalaa jechuun uummata qabeenyuma isaa irraa buqqa’aa jiru dararaa jiru.
Kanumaan kan walqabatus magaalaa Bishooftuu keessatti maallaqa koriiderii jedhan kan karoorri, baasii fi raawwiin isaa hin beekamne fixuun osoo hin xumursiisin waan hafaniif sana xumuruuf ammas tiraafikoonni sirnichaa osoo hin hafne abbootii qabeenyaatti qarshii 45,000 tokkoo tokkoo isaaniitti muruun rakkisaa kan jiranii fi namoota baajaajii qabaniin ammoo qarshii 5,000 kaffalaa jechuun itti dhaadachaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Abbootii qabeenyaa konkolaataa miilla afurii fi lamaa malees hawaasa keessatti hojjettoota waajjira galii fi daldalaa bobbaasuun uummata irraa maallaqa guuraa jiraachuun barameera.

