Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Aanaalee garaagaraa keessatti murna Bilxiginnaan manneen hawaasaa gubachuu fi saamichi itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024 

Bilxiginnaan manneen hawaasa qotee bulaa akkuma qoosaa fi maal na dhibdeetti qabeenya mana keessa jiru waliin gubee yoo balleessu, loon isaaniis osoo hin hambisin saamee kaan qalachuun kaanis ooffatee mooraa isaatti galfachuu jabeesseera.

Haaluma kanaan bilxiginnaan qabeenya uummataa saamee kan hin quufne Fulbaana 19, 2024 godina Arsii aanaa Xiyyoo ganda Boree Culaalootti nama maqaan isaa Muusaa Buusataa jedhamu jalaa humnoonni maafiyaa PP hoolaa 20 fi loon gaanfaa 6 saamanii jiraachuun beekameera.

Akkasumas mana jireenyaa jalaa gubuun qonnaan bulaa kana maatii isaa guddifachuu dhowwuun mana maleessa taasisuu fi waan ittiin jiraatan jalaa saamuun rakkinaaf saaxilaniiru.

Namoota naannoo kanaa maqaan isaanii yeroof addan hin bahin hedduu jalaa waraanni nama nyaataan Bilxiginnaa kun qabeenyaa fi mana jireenyaa barbadeessanii jiru. 

Dabalataanis godinuma Arsii aanaa Digaluu fi Xijjoo ganda Qoogoo Ashabaqaatti nama maqaan isaa Tamaam Heeyyii  jedhamu jalaa humnoonni maafiyaa PP akkuma baratan loon 21 jalaa fudhachuun, mana jireenyaa jalaa gubanii qabeenya uummataa hedduu saamanii jiru.

Exit mobile version