Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti hidhaa fi hiraarfamni waraana garboomfataa PP’n jiraattota irratti jabaachuu ONM odeeffate

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024

Qabsoo qeerroo fi qarreen sirna EPRDF aangoo irraa buqqisuuf geggeessaa turan murni Bilxiginnaa bu’aa isaa butuun gamtokkoon dargaggoonni humna biyya ijaaruudha jedhee holola miidiyaa afarsaa, gama biraan garuu dargaggoota Oromoo adamsuun ajjeesuu fi hedduu ammoo manneen hidhaa impaayerattii keessa jirutti guuree hidhee dararaa jira

Akkuma kanaan dura gabaasaa turre godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuutti dargaggoonni adamfamanii qabamuun irra deddeebiin ajjeefamaa kan jiran yoo ta’u, gochi kun itti fufuun yeroo ammaas namoonni hedduun gandoota baadiyyaa irraa waraana faashistii PP’n butamuun manneen hidhaa bulchiinsa magaalaa Goorii fi Warra Jirruutti darbatamuun baatiilee dheeraaf hiraarfamaa jiru.

Dargaggoonni manneen hidhaatti jumlaan guuramaa jiranis halkan irraa waraana garboomfataa PP’n baafamanii dhoksaan ajjeefamaa jiru. Fulbaana 22, 2024 dargaggoo maqaan isaa Kuusaa Naggasaa jedhamu dhalataa ganda Giddaa Buundii kan ta’e yakka tokko malee waraana garboomfataa PP’n qabamee reebichi ulfaataan irratti raawwatamuun hidhamee akka jirus beekameera.

Bilxiginnaan dinagdee, siyaasaa fi humna waraanaatiin of jabeessuun olaantummaa agarsiisuuf jecha, mirga namoomaa hawaasaa sarbee maqaa qabsoo Waraanni Bilisummaa Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaaf taasisaa jiru dhabamsiisuu jedhuun duula ajjeechaa dargaggoota irratti taasisaa jira jechuun jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version