Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Godina Baha Harargee Aanaa Haramaayaa keessatti uummata nagaa hidhuu jabeessee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024

Umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha kichuu kumaatama karaatti kan hambise murni nama nyaataan Bilxiginnaa golee Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaan yakkuudhaan adamsee ajjeesuu fi hidhuun achi buutee dhabamsiisuu akkasumas qabeenya hawaasaa saamuu fi abiddaan mancaasuu jabeessee itti fufeera.

Fulbaana 19, 2024 waraanni  bilxiginnaa Baha Harargee aanaa Haramaayaa araddaa Addeellee jedhamu keessatti nama maqaan isaa Aliyyii Sheek Mahaammad Abdullee jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaatii qabuudhaan hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namni kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa naannichaa biratti jaallatamummaa guddaa kan qabu yoo ta’u, gocha sobaa itti maxxansuudhaan hidhaatti darbatanii jiraachuu himuun, bifuma wal fakkaatuun namoonni nagaa mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiran kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduun jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version