Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayee fi Qellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Keessatti Waraana Faashistii PP Adabe 

ONM-ABO Fulbaana 27, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti zoonii Giddu Galeessaa keessatti fudhachuun kasaaraa cimaa irraan ga’uu itti fufe.

Akka kanaanis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Birgeediin Ibiddaa Fulbaana 26, 2024  godina Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayyee ganda Tulluu Gorfoo jedhamutti loltoota PP Isuzu tokkoon socho’aa turte irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen guutummaashee tumee ba’eera. 

Haleellaa bilchaataa irratti raawwateenis madoo ishee hospitaalatti reeffa ishee bakka awwaalaatti humna dabalataa dhufeefiin geeffachuun barameera.

Tarkaanfiin waraana weerartuu irratti fudhatamu itti fufuun WBO’n Zoonii Lixaa Birgeediin Odaa Kaarraa Cibraan Hangaasuu Gam-Lixaa godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Qexoo fi Canqootti Fulbaana 26, 2024 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen hedduu ajjeesuun gariin madeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis waraana Bilxiginnaa irraa qawwee AKM 3 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jiraachuu gabaassi hooggantoota WBO gama lachuu irraa arganne ni addeessa.

Exit mobile version