Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Magaalaa Kamisee fi Dawwee Haarawaa keessatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin hidhaa fi reebichi dargaggoota Oromoo irratti raawwatamu jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Uummanni Oromoo bilchiinsa hammeenyaa EPRDF’n mormuuf qabsoo taasisee fi wareegamni hadhaawwaan kaffalamee injifannoo galmeessus, bu’aan isaa bilxiginnaan butamuun dararaa ulfaataan tilmaama hin qabne ilmaan Oromoo deggaraa paartii dhaaba kamuu hin taane  Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhaa fi saamicha hanga ajjeechaatti irratti raawwatamaa jira. 

Fulbaana 24, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee bakka addaa Warqee jedhamutti dargaggoo sabboonaa fi hawaasa Oromoo kutaalee Oromiyaa mara biratti jaallatamummaa guddaa  qabu Maammii Walloo kan jedhamu hidhattoota murna bilxiginnaa qaama nageenyaa ofiin jedhaniin magaalicha keessaa qabamee hidhamuu dabaluun dubbatan. 

Akka hiriyootni dargaggoo Maammii jedhanitti Maammiin nama nagaa fi siyaasa kam keessaayyuu hin qabne ta’uu isaa himuun, lukkeeleen bilxiginnaa kunis dargaggoo kana qabuun isaanii kan ammaa waliin si’a 4 akka ta’es  dabaluun ibsaniiru.

Oduuma hidhaan wal qabatuun godinichuma aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Haarawaa keessaa Fulbaana 26, 2024 loltootni impaayera Itiyoophiyaa konkolaachisaa Bajaajii kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Fu’aad jedhamu magaalicha keessaa qabuun reebicha ulfaataa irraan ga’anii hidhuu itti dabaluun dubbatan.

Akka jiraattota magaalaa Harawaa irraa ONM qulqulleeffatetti, dargaggoon kun bajaajii oofuun ofi fii maatii isaa kan jiraachisu malee tuttuqaa siyaasaa irraa bilisa ta’uu himuun, gareen jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaanne hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed maqaa WBO’f galaa geessitaa fi quunnamtii isaanii qabda jedhuun reebanii akka hidhan ibsaniiru.

Exit mobile version