ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024
Israa’el Kibxata kaleessaa galgala haleellaa misaa’elaa Iraan kanaan dura hin argamne biyyattii irratti raawwatteef yeroo filattetti deebii akka kennitu dhaadattee jirti.
Dubbi himaan waraana Israa’el Daani’eel Hagaarii ibsa viidiyoo kennaniin, “Iraan haleellaa guddaa misaa’ela balistikii 180 ol kallattiin biyyee Iraan irraa Mootummaa Israa’el irratti banteetti,” jedhan.
Itti dabaluudhaanis, ”Giddugala Israa’el keessatti rukuttaa muraasa, kibba Israa’el keessatti ammoo rukuttaa birootu ture,” jedhan.
Hagariin misaa’eloonni kun irra caalaan isaanii sirna ittisa Israa’elii fi michoota isheetiin akka addaan citan cimsanii dubbataniiru.
”Misaa’eloonni dhufan harki caalaan isaanii Israa’elii fi tumsa ittisaa Ameerikaan durfamuun kan qabaman turan,” jedhan.
Haleellaan kun diinummaa hamaan akka hammaate kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.
Israa’el haleellaa kanaaf deebii kennuudhaaf tarkaanfii fudhachuuf qophii guutuu qabdi jedhan Agaariin.
”Dandeettiin ittisaa fi weeraraa keenya sadarkaa qophii olaanaa irra jira. Karoorri hojii keenyaa qophiidha. Bakka, yeroo fi akkaataa filannetti deebii ni kennina,” jechuun dabalaniiru.
Kanaan dura Israa’el Iraan ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’il Haaniyee fi hogganaa Hizbollaa Hasan Nasrallah irratti raawwatameef haaloo ba’uuf yoo xiqqaate misaa’ela 180 furguggifte jetteetti.
Saayireniin magaalotaa fi magaalota kibbaa fi giddu galeessa Israa’el kudhanootaan lakkaa’aman keessatti akka dhaga’ame gaazexaan Israa’el Haaretz daily fi Channel 7 gabaaseera.

