ONM-ABO Fulbaana 3, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Oromiyaa bakka hundatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachaa jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.
Haaluma kanaan jajjabeen WBO Zoonii Lixaa kaleessa ganama Fulbaana 2, 2024 godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Sariitii keessatti mooraa waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabuun mooricha keessaa buqqisee jira.
Tarkaanfii laalessaa ganda Sariitii keessatti fudhate kanaanis waraana Abiy Ahimed 1 qawwee AKM 1 hidhannoo guutuu waliin irraa hiikee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana weerartuu Bilxiginnaa Itoophiyaa farra Oromummaa keessa uummatni Oromoo dirqiin akka jiraatuuf hojjechaa jiru adabbii barbaachisaa kennaafii jiraachuun ni beekama.

