• Wed. Mar 18th, 2026

WBO’n godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuun meeshaa irraa hiike 

Oct 6, 2024

ONM-ABO Fulbaana 3, 2024 

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Oromiyaa bakka hundatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachaa jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Haaluma kanaan jajjabeen WBO Zoonii Lixaa kaleessa ganama Fulbaana 2, 2024 godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Sariitii keessatti mooraa waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabuun mooricha keessaa buqqisee jira.

Tarkaanfii laalessaa ganda Sariitii keessatti fudhate kanaanis waraana Abiy Ahimed 1 qawwee AKM 1 hidhannoo guutuu waliin irraa hiikee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana weerartuu Bilxiginnaa Itoophiyaa farra Oromummaa keessa uummatni Oromoo dirqiin akka jiraatuuf hojjechaa jiru adabbii barbaachisaa kennaafii jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading