Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Maatiin qabsaa’otaa waraana garboomfataa PP’n qabamuun jumlaan hidhamaa jiraachuu jiraattonni godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo ONM’f himan

ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024 

Uummanni Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti waraana garboomfataa Bilxiginnaan ajjeefamaa, qe’ee fi qabeenyaan isaa gubataa, manneen hidhaatti jumlaan guuramaa, rakkoo fi gidiraan hundi osoo irratti raawatamaa jiruu, gareen cubbuu Bilxiginnaa gidirfamuu sabichaatti qoosuun faallaa hojii isaanii  hawaasaaf qabsoofna jechuun holola oofaa oolu.

Sabni Oromoo gara laafessa sabaa fi sab-lammiilee hundumaa nyaachisee, obaasee, kunuunsee, barsiisee, gochoota aadaa fi duudhaa isaa keessatti beekaman hundumaa gochuun osoo waliin jiraatuu, garuu sabaaf sablammoota impaayerattii irraa addatti fo’amuun loltoota impaayerattii suphuuf socho’aniin moggaatti dhiibamee ajjeefamaa fi hidhamaa kan  jiru yoo ta’u, maqaa ilmaan keessan miseensa WBOti isin WBO waliin hidhata qabdu, seelii diinaati jedhamuun hiraarfamaa jira.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hara jedhamu keessatti torbanoota lamaan darbanii kaasee namootni nagaan hidhaatti guuramaa kan jiran ogguu ta’u,   namoota muraasa maqaan nu ga’e:  

  1. Obbo Geetaa Yaadasaa, 
  2. Obbb Darajjee Hordofaa,  
  3. Aadde Jaalannee Olqabaa, Wanduu Tolaa, 
  4. Xiiqii Tolaa, 
  5. Dabalaa Laggasaa,  
  6. Obbo Dingataa Laggasaa,  
  7. Gammachiis Hayiluu, 
  8. Geetahuun Hayiluu fi 
  9. Baacaa Laggasaa kanneen jedhaman dabalatee namoonni danuun qabamuun waajjira Poolisii onichaatti dararamaa jiraachuu ONM’tti himan. 

Namoota qabamanii hidhamanii jiran keessaa dargaggoonni afur ergii qabamanii kaasee hanga har’aatti achi buuteen isaanii dhabamee jiraachuun beekameera.

Exit mobile version