Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muunessaa keessatti manneen uummataa murna bilxigginnaan gubachuun hammaatee jira

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024 

Ba’aa ulfaataa, gadadoo fi hiyyummaa uummata Oromootti ta’uun sirni nama nyaataan Bilxiginnaa ilmaan Oromoo rasaasaan, dhukkubaan, saamichaa fi ibiddaan akka bineensaatti qurxumsee nyaachuu daran hammeessee jira.

Mootummaan abbaa irree uummata nagaa afaan qawween ukkaamsee bulchuun bartee itti ta’e badii tokko malee uummata nagaatti waraana itti  bobbaasuun qe’eef qabeenya isaa irraa barbadeessuun haadha hiyyeessaa boochisaa dureessa hiyyoomsaa jira.

Haaluma kanaan Onkolooleessa 3, 2024 aanaa Muunessaa ganda Gujichaa bakka addaa haroo jedhamutti waraanni PP nama maqaan isaa Kadir Guddatoo jedhamu irraa mana jireenyaa sadii qabeenya guutuu waliin jalaa barbadeessanii jiru.

Akka aanichaatti uummanni Oromoo rakkoo akkaan daran ulfaataa keessatti kufee haala yaaddessaa keessa akka jiruu fi egereen isaaniilee kan yaadesse ta’uus dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version