Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa aanaa Muunessaa keessatti ergamtoonnni Bilxiginnaa ofii isaaniitii wal shakkuun mana hidhaatti wal guuraa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Sadaasa 15, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Muunessaa magaalaa Qarsaa keessatti itti aanaa bulchiinsa magaalichaa kan ta’e namni maqaan isaa Obbo Qaasim Amanoo jedhamu hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda shakkii jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen keessoo Bilxiginnaa magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Kana malees seektaroota garaagaraa irrattis ilaalchi ija jibbaa fi wal shakkii gidduu isaaniitti uumameen walitti bu’iinsaa fi wal amantaa dhabuun hojiin guyyaa irraa guyyaatti hojjetamu rakkoo nageenyaa uumaa jiraachuus ibsaniiru.

Dhiibbaa fi wal dhabdee yaadaa keessoo hojjettoota sirnichaa gidduutti dhalatee xiiqii fi haaloon keessatti kan argamu oggaa rakkoo gama kanaan dhufutti yoomiyyuu miidhamaa ta’ee kan argamu uummata ta’uu hordofee jiraattonni magaalichaa rakkina ulfaataa keessa jiraachuus maddeen addeessaniiru. 

Murni dhugaa fi karaa sirri irratti hin ijaaramne kan sabaa gooluuf jecha akka ofii isaa qofaaf tolutti hojjetu wayita dantaan isaanii guutamuu dhabee fi akka fedha isaaniitti uummaticha saamanii walii wajjin qooddachuu dadhabanitti ofii isaaniitii wal hidhuu fi wal doorsisuu akkasumas miindaa wal dhorkachuun wal hiraarsaa kan jiran ta’uu bira darbee hojii irraa wal ari’aa jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version