Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni bilxiginnaa dirqamaan qamadii qochisiisaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024 

Qotee bulaan Oromoo lafa isaa irra waan fedhe facaafachuu osoo danda’uu, dhiibbaa lukkeelee bilxiginnaan dirqamee waan Bilxiginnaan jedhe akka fudhatuu fi lafa isaa irra oomishuuf humnaan dirqisiifamaa jira.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni bilxiginnaa dirqamaan qamadii qochisiisaa jiraachuun ibsamee jira.

Aanaa Cawwaaqaa araddaa Dirree Misoomaa jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa qonnaan bultoonni akka ooyiruu isaanii qamadii jallisiin waqtii bonaa qotaniif kan dirqamsiifamaa jiran ta’uu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, qonnaan bultoonni yeroo ammaa kana lafa isaanii boqqolloo oomishanii kan jiran ta’uun osoo boqqolloo irraa hin galfatin kanneen “qamadii bona hin qonnu” jedhan dafanii boqqolloo kichuutti ooyiruu isaanii irraa akka kaasanii fi ooyiruu isaanii namni biroo akka dalagatu dirqisiifamaa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Exit mobile version