Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti gubaatiin manneenii fi sarbamiinsi manneen amantaa irratti waraana faashistii PP’n jabaate 

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024  

Siyaas.a lafa qabsiifachuun humna ta’ee mul’achaa kan jiru impaayerattii keessatti gartuun aangoo of harkaa qabu bilxiginnaan uummata bulchaa jirutti humnaan aangoo isaa jabeeffachuu ykn tikfachuuf badii cimaa taasisaa jira.

Bilxiginnaan yaadaa fi ilaalcha hawaasaa gara ofiitti jijjiruu,  qabsoo namootaa fi gartuulee isaaniin morman dadhabsiisuuf jecha guutuu Oromiyaatti gochoota hammaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Onkoloolessa 1, 2024 waraanni godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo irraa gara gandoota baadiyyaatti maqaa sakattaa WBO’n bobba’an miidhaa gurguddaa manneen amantaa fi jiraattotaa irratti taasisaa jiraachuun beekameera. 

Keessattuu waraanni kallattii aanaa Sayyoo gara ganda Kuree Ge’ib iddoo addaa Shuffeetti sochii taasisan torban tokko guutuuf hawaasa hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, manneen jiraattotaa kan obbo Toomee Abarraa fi Qaadiree Ayyaanduraa qabeenyaa keessa jiru guutuu waliin ibidda itti shiduun akka guban beekameera.

Kana malees mana amantaa Ortodoksii- Tawaayidoo tokko keessaa Taabota baasuun akka fudhatan jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version