Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyootti jiraattonni baay’inni isaanii 250 ol ta’e guyyaa lamatti waraana gabroomfataa PP’n ukkaamfaman 

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024 

Gartuun farra uummata Oromoo ta’e Bilxiginnaan hojii jabinaa hojjetee impaayerattii jijjiiruu irra gara qarree kufaatiitti sabaa fi sablammoota oofuun hojiilee fakkeenya bara sirnoota dabranii hamoo ta’an caalmaatti uummata Oromoo irratti gochaa jira

Akkuma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo gandoota akka Guutee Soyyomaa, Adaamii, Gabaa Kamisaa, Kuree Ge’ibii fi kanneen birootti maqaa sakattaa WBO’n Onkoloolessa 11, 2024 fi Onkoloolessa 12, 2024 hawaasa nagaa baay’inni isaanii 250 ol ta’an bakkeewwan hojii isaanii irraa ukkaamsuun manneen hidhaa ganda 07 fi mooraa waraanaa iddoo garaa garaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuun himame. 

Keessattuu bakkeewwan uummanni heddumminaan bakka tokkotti walitti qabamuun hojiilee warqee barbaaduu fi ooyiruu isaanii irratti bobba’anii midhaan isaanii hojjetatanitti waraanni PP kallattii adda addaan itti marsuun ukkaamsuu jiraattonni kan himan hanga gabaasni kun qindaa’etti namoonni danuun ukkaamfamaa jiraachuu dubbatu.

Namoota qabamanii manneen hidhaatti argaman keessaa muraasni maqaan nu ga’e: 

  1. Abraahim Daadhii,
  2. Faaxumaa Abdurhamaan, 
  3. Abraam Caaloo,  
  4. Alii Ushoo fi  
  5. Ashee Mohaammad kanneen jedhaman namoota guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 12, 2024 bakka addaa Shanqaxee  jedhamu qofa irraa qabaman muraasa maqaan isaanii nu ga’eedha.
Exit mobile version