ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024
Murni bilxiginnaa yeroo gara aangootti dhufee kaasee WBO balleessinaa dhaadannoo godhachuun golee Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne hawaasa nagaatti bobbaasuun, sababa sobaa itti maxxansee saamuu, hidhuu fi reebuu itti fufee jira.
Bu’uuruma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti saamichi, hidhaa fi reebichi jiraattota irratti loltoota sirnichaan raawwatamu jabaatee jira.
Onkoloolessa 8, 2024 ganda Adulaan magaalaa Gabaa Sanbataa jedhamu keessatti loltoonni PP saamicha raawwataniin:
- Boyyosaa Habtaamuu jalaa qabeenya dukkaana keessa jiru guutummaa saaman,
- Malkaamuu Shibbiruu jalaa qotiyyoo 1,
- Geetachoo Nagarii jalaa loon tokkoo fi kan namoota maqaan isaanii adda hin ba’in loon 8 saamanii ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kanamalees, magaaluma kana irraa namootni maqaan isaanii:
- Assabuu Shifarraa,
- Faasigee Dirribaa,
- Alamnesh Taarraqeeny,
- Wayyeessaa Mirreessaa,
- Boontuu Indaaloo,
- Darajjee Baqqalaa,
- Geetachoo Asaffaa,
- Fiqaaduu Gaachan jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee guyyuma kana qabamanii hidhaatti darbatamanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Dabalataan, namoota maqaan isaanii Mokonnon Darribee fi Asee Taakkalaa jedhaman ammoo reebicha hamaa irraan ga’anii deemuun ibsameera.

