ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024
Tibba kana Caasaaleen bilxiginnaa aanaa hanga godinaatti jiran Fulbaana 20, 2024 irraa eegaluun godina Walloo magaalaa Kamisee, Caffaa Roobit, Sanbatee fi Dawwee Harawaa keessatti waltajjii ariifachiisaa jedhanii halkanii fi guyyaa hanga Onkoloolessa 1, 2024 taa’aa turaniin, akkaataa ittiin ilmaan Oromoo abbootii qabeenyaa ta’an saamanii, iccitiin isaanii akka hin baaneef isaaniin ammoo ukkaamsan irratti mari’achaa turuu fi yeroo ammaas waan mari’atan kana hojiirra oolchaa jiraachuun ibsame.
Onkoloolessa 2, 2024 godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Guulaa keessatti waraanni faashistii PP mana kuusaa mi’oota adda addaa abbootii qabeenyaa maqaan isaanii:
- Abduu Sayid Ibraahim,
- Abdurhamaan Ahimad,
- Indirroo Hasan,
- Huseen Maammaa fi
- Ahimad Hasan kanneen jedhaman caccabsanii seenuun wantoota mana kuusaa isaanii keessaa boqqolloo, misingaa, ruuzii, zayitaa kkf kan tilmaamaan qarshii miliyoona tokkoo ol ta’u jalaa saamuun isaaniin ammoo reebaa turuu jiraattotni dabaluun ifoomsan.
Akka jiraattotni ganda Guulaa jedhanitti, abbootiin qabeenyaa waraana goolessituu PP’n reebamuun saamaman kun siyaasa paartii dhaaba kamuu irraa walaba ta’uu isaanii dubbachuun, gareen saamichaaf of ijaaree dinagdeen saba Oromoo dadhabsiisuuf rafanii hin bulle lukkeeleen bilxiginnaa kun, ajaja qaama olii irraa nutti kenname milkeessina maqaa jedhuun namoota hedduu saamanii harka duwwaatti hambisuun ofii isaaniif ammoo garaa isaanii ittiin furdifachaa jiru kan jedhan jiraattota godina Wallooti.

