Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti lukkeelee bilxiginnaan maatiin qabsaa’otaa hidhamaa, reebamaa fi manneen irratti diigamaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024 

Hacuuccaa fi saamicha bifa kamuu saba Oromoo irraa kaasee Oromiyaa walaboomte ijaaruuf gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo falmaa hadhooftuu golee Oromiyaa mara keessatti gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, murni bilxiginnaa ammoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo da’oo godhachuun hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’an maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti ittiin jechuun ajjeesaa, hidhaa, saamaa fi manneen irraa diiguun gidiraa hamtuu agarsiisaa jira.

Jimaata darbe Onkoloolessa 11, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo keessatti ergamaa bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Adam Wadaddar jedhamu milishootaa fi raayyaa ittisa impaayerattii waliin ta’uun maatii qabsaa’otaa maqaan isaanii: 

  1. Mahaammad Hasan Huseenaa, 
  2. Heeydar Carrasaa,
  3. Umar Dawwee, obboleewwan
  4. Ammad Muhee fi
  5. Huseen Muhee kanneen jedhamanii manneen isaanii jalaa diiguun, meeshaa mana keessaa ammoo saamanii kan hafe yoo caccabsan, namoota hedduus hidhaa fi reebaa turuu isaanii jiraattotni dabaluun ibsaniiru. 

Onkoloolessa 11, 2024  guyyuma manneen namoota nagaa diiguun bakkeetti hambisan kana magaaluma Qiciicoo keessatti loltoonni Bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa hin beekne kun haadha manaa qabsaa’aa Bilisummaa Oromoo maqaa ishee rakkoo nageenyaaf jecha ibsuu hin barbaanne tokko huccuu isheen uffattee jirtu cufa namoota fuulduratti irraa baasuun gochoota ciggaasisoo argaa namaatti hin tolle irratti raawwachaa turuu isaanii maddeen magaalaa Qiciicoo hadheeffatanii himan.

Oduu hidhaa fi reebichaatiin ammoo magaaluma Qiciicoo keessaa Onkoloolessa 11, 2024 ergamaan bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamu kun maatii qabsaa’otaa maqaan isaanii Adam Maammadaa, Zaaraa Hasanii fi Aanshaa Huseen jedhaman reebicha ulfaataa irraan ga’uun mana hidhaatti darbatee hiraarsaa jiraachuu fi namoota kanneeniin yoo WBO’n tarkaanfii nu irratti fudhate nuti ammoo isinuma fixna malee WBO deemnee hin barbaannu ittiin jechuun hawaasa qulqulluu hirmaannaa siyaasaa kam keessaa qooda hin qabne dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version