ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024
Uummanni Oromoo aanaa Harxummaa Fursee horsiisa looniin cinatti jimaa, maangoo fi burtukaana oomishuun kan beekaman, keessattuu jimaa fi burtukaanni uummatichaaf madda galii isa ol’aanaa yoo ta’u, hidhattootni murna bilxiginnaa ammoo hawaasni onichaa kanumaan of jireessuu isaanii baran oomisha jiraattota kanneenii saamuu irra darbanii qottoodhaan cicciranii mancaasuu itti fufaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Onkoloolessa 25, 2024 waraanni faashistii PP maqaa sakattaa WBO jedhuun konkolaataa 15’niin magaalaa Caffaa Roobit irraa baate qe’ee fi ooyruu jiraattotaa keessa naanna’uun dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananii erga qe’ee fi ooyiruu isaanii irraa ari’aniin booda, oomisha namootaa jimaa fi burtukaana hanga danda’an saamuun muka isaa qottoon ciruun mancaasanii biraa akka deeman ibsameera.
Namoota qabeenyaan isaanii waraana weerartuu Abiy Ahimediin jalaa saamamuu fi manca’uun barbadaa’e keessaa muraasni maqaan nu ga’e ganda Maaddaraa fi Burqaa irraa:
- Mahaammad Siraaj,
- Ahimed Adam,
- Awwal Adam Ahimed fi
- Mohammad Sayid Hussoo kanneen jedhaman Jimaa fi burtukaanni isaanii ooyiruun tokko guutummaatti barbadaa’eera.
Warrootni shiftoota Koloneel Abiy Ahimediin qabeenyaan isaanii saamamuun jalaa mancaafame kun namoota nagaa siyaasa paartii dhaaba kamuu irraa bilisa kan ta’an yoo ta’u, gareen hattootaa maqaa waraana Bilisummaa Oromoo da’oo godhachuun qabeenyaa uummata Oromoo saamuun garaa isaanii furdifatan kun deggartoota WBO’ti, kunuu isaanitti xiqqaataa fi sichi lubbuu keessanuu dhabdu ittiin jechuun dhaadachaa akka turan jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

