Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gamtaan Awurooppaa misaa’ela  Raashiyaatti dabarsuun wal qabatee Iraan Eer fi kanneen biroo irra qoqqobbii kaa’e

ONM-ABO Onkoloolessa15, 2024 

Gamtaan Awurooppaa Iraan misaa’ela balistikii gara Raashiyaatti dabarsuu waliin walitti dhufeenya qabaachuu isaaniitiin daandiin xiyyaaraa Iraan Eer dabalatee namoota torbaa fi dhaabbilee torba irratti qoqqobbii kaa’uuf Wiixata kaleessaa waliigaleera.

Tarreefamni kun Daandii Xiyyaaraa Sahaa fi Mahan Eer fi itti aanaa ministeera ittisaa Iraan Seyed Hamzeh Gaalandariis ni dabalata.

Ji’a darbe Ameerikaan odeeffannoo basaasaa michoota waliin qoodame jette kaasuun, Raashiyaan waraana Yukireen keessatti geggeessiteef misaa’ela balistikii Iraan irraa argatteetti.

Waashingitan battaluma sanatti dooniiwwanii fi dhaabbilee meeshaa waraanaa dabarsuu irratti hirmaatan jette irratti qoqqobbii keesse.

Himata Ameerikaa kana hordofuun, preezdaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan mootummaan isaanii erga baatii Hagayyaa keessa aangoo qabattee asitti meeshaa waraanaa tokkollee gara Raashiyaatti hin dabarsine jedhan.

Akkasumas tarkaanfii Gamtaa Awurooppaa kanaan qoqqobbii kan isaan mudate qondaaltonni beekamoo Korporeeshinii Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) fi daayreektaroota olaanoo Dhaabbata Industirii Omisha Xiyyaaraa Iraan fi Industirii Ayerospaasii dha.

Qoqqobbiin kun qabeenya  fi gara Gamtaa Awurooppaatti imala dhorkuu kan dabalatuudha jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version