ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Dhaabbileen Mootummoota Gamtoomanii waraanni Israa’el haleellaa Hizboollaa irratti raawwate itti fufee waan jiruuf, rakkoo namoomaa Libaanos keessatti mul’achaa jiru furuuf maallaqni hatattamaan akka dabalu gaafataniiru.
UNICEF fi Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) ibsa waloo Kibxata darbe kennaniin, lola Libaanos keessatti kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqise kun “balaa guddaa kaase” jechuun akeekkachiisaniiru. ”Dhugaa jiru fedhiin dabalaa dhufuuf qophaa’aa jirra,” jedhan ejensiiwwan kunneen. “Maallaqa dabalataa nu barbaachisa, haal-duree malee.”
Qondaaltonni Libaanos akka jedhanitti, waldhabdee kanaan Israa’el Beerut fi kutaalee Libaanos hedduu irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu, akkasumas loltoota lafa irraa gara kibbaatti erguu isheetiin namoonni miiliyoona 1.2 miidhamuu himaniiru.
“Namoonni gara miliyoona 1.2 ta’an miidhamaniiru, hawaasa saaxilamoo ta’an irratti dhiibbaa guddaa geessiseera,” jechuun ibsichi akeekkachiiseera. “Yeroo ammaa kana namoonni dhuunfaa buqqa’an gara 190,000 ta’an dhaabbilee 1,000 ol keessatti gaaddisa kan qaban yoo ta’u, kuma dhibbaan lakkaa’aman ammoo maatii fi hiriyoota isaanii gidduutti nageenya barbaadaa jiru.”
Kana malees, kanneen kuma dhibbaan lakkaa’aman gara Siiriyaa ce’uu isaanii ibsichi hubachiisa. Kunis deebii namoomaa daran walxaxaa taasiseera. Dhaabbileen Mootummoota Gamtoomanii deggarsa murteessaa ta’e kennuuf hojjechaa akka jiran dubbatu. WFPn fedhii namoota tilmaamaan 200,000 guyyaa guyyaan nyaata qophaa’ee fi maallaqaan guutaa jira.
UNICEF mootummaa Libaanos waliin ta’uun kunuunsa fayyaa sadarkaa duraa, meeshaalee bishaanii fi qulqullinaa, waaan irra bulan, akkasumas tajaajila deggarsa xiinsammuu dabalatee daa’immanii fi maatiidhaaf deggarsa barbaachisaa ta’e kennaa jira jedheera.
Ejensichi Libaanos keessatti “dhaloonni badaa” akka jiru akeekkachiisuun erga diinummaan guddaan ka’ee torban sadan keessatti daa’imman 400,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

