ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa deggersa qaamolee murna garboomfataa PP irraa argataniin kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti hidhannoo guutuun ilmaan Oromoo irratti dararaa adda addaa raawwachaa jiran jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Dhidheessaa bakka addaa Safaraa jedhamtutti finxaaleeyyiin Amaaraa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Onkoloolessa 8, 2024 dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Reeduwaan Tarrafaa fi Magarsaa Tasfaayee jedhaman “isintu Waraana Bilisummaa Oromoo nutti waama” jechuun rukutuuf mana isaanii dhaqanii manaa dhabuun mana irratti dhagaa guuranii naannoo mana isaaniitti dhaadachaa kan turan ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni himanitti, finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murna bilxiginnaa fi ofiin meeshaalee dhorkaa tokko malee bitatanii hidhachuun ilmaan Oromoo ganda kana keessatti argaman yeroo yerootti dararaa jiraachuu himuun, osoodhuma waraanni maafiyaa PP milishotaa fi riphee lolaa jedhaman ijaan ilaalaa jiranii hidhattootni kun ilmaan Oromoo irratti hiraarsaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

